Oromiyaatti jirattoonni godinaalee 4 raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sangoota 705 fi Birrii miiliyoona 7.6 taasisan

75

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti jiraattoonni godinaalee Booraanaa, Gujii Dhihaa, Harargee Dhihaa fi godina adda Oromiyaa naannawa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa sangoota 705 fi Birrii miiliyoona 7.6 taasisaniiru.

Deeggarsicha abbootiin gadaa, jaarsoliin biyyaa fi hoggantoonni hojii mootummaa godinaalee arfaniirra bakka bu’an mooraa humna lafootti argamuun laataniru.

Bakka butoonni kunneen raayyaa ittisa biyyaa deeggaruuf murannoo akka qaban ibsaniiru.

Sagantaa deeggarsa kanarratti kan argaman Ministir Deettaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI aadde Maartaa Liwijii deeggarsa godinaleerraa taasifameef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015