Torbeen Indastiraylaayzeeshinii Afrikaa kabajamaa jira.

88

Finfinnee Sadaasa 7, 2013 (TOI) - Torbeen Indastiraylaayzeeshinii Afrikaa mata duree “Indastiraylaayzeeshinii hunda galeessaa fi Ardii bilisaa daldala naannichaaf” jedhuun kabajamaa jira.

Damee indaastirii Afrikaa ilaalchisuun waggaan kan kabajamu Torbeen Indastiraylaayzeeshinii bara kana sababa weerara covid-19n waltajjii Oonlaayinii qophaa’ee kabajamaa jira.

Waltajjichi Komishinii Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Misooma Indaastirii, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Komishinii Diinagdee Afrikaa fi Ejansii Misoomaa Gamtaa Afrikaan kan qophaa’edha.

Waltajjicharratti hoggantoonni tumsitootaa fi ministiroonni Daldalaa fi Indaastirii kan hirmaatan yoo ta’u, damicha ilaalchisuun ajandaawwan hedduurratti ni mari’atu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015