Koreen biyyooleessa dhaabbilee federaalaa hirmaachise deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf taasifamu keessummeessu hunda’e

1839

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (TOI)- Koreen biyyooleessa dhaabbilee federaalaa hirmaachise deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf taasifamu keessummeessu hunda’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministirri Miniseera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil, waltajjii haala waqtaawaa biyyarratti hunda’uun qophaa’eerratti raayyaan ittisa biyyaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjata jiru hawaasni jalaalaa fi kabajaasaa ibsacha jira jedhaniiru.

Kara garaagaraan deeggarsi raayyaa ittisa biyyaaf taasifamaa jiru sirnaan keessummeessuf koreen biyyooleessa dhaabbilee federaalaa hirmaachise hunda’uun hojii eegaluu ministeerichi ibseera.