Humna gantuu ta’e qaaneessuu fi balleessuuf waan barbaachisaa ta’e hunda ni goona- Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad

106

Finfinnee Onkololeessa 25/2013(TOI)- Humna gantuu ta’e qaaneessuu fi balleessuuf waan barbaachisaa ta’e hunda ni goona- Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad

Humna gantuu ta’e qaaneessuu fi balleessuuf waan barbaachisaa ta’e hunda ni goona jedhan Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad.

Humni badii Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI birmadummaa biyyatti tiksuurratti haleellaa bane ilaalchisuun Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad ibsa kennaniiru

Ibsasaaniin humni gantuu kun Itiyoophiyaanootaa waraaneera kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad, dhimmi kun Itiyoophiyaaf waan gaddisisaa yoo ta’eeyyuu har’as humnoota badii kana qaaneessuu fi balleessuuf waan barbaachisaa ta’e hunda ni goona jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015