Dura ta’aan mana maree Birmadummaa Sudaan Janaraal Abdulfataah Albuurhaan daawwannaa hojii taasisaa turan xumuran

73

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (TOI)- Dura ta’aan mana maree Birmadummaa Sudaan Janaraal Abdulfataah Albuurhaan daawwannaa guyyota 2f Ityoophiyaatti taasisaa turaan xumuraniiru.

Dilbataa darbee Finfinnee kan galaan Janaraal Abdulfataah Albuurhaan daawwii isaanii xumuruun har’a ganama Kartuumitti deebi’aniiru.

Janaraal Abdulfataah Albuurhaan daawwii isaanii Ityoophiyaatti taasisaniin paarkootaa indaastirii, hojiiwwan qoonnaa fi invastimantii daawwataniiru.

Akkasumaas giddugala qonnaa ammayyaa naannaawaa Bishooftuutti Jooy Tiik jedhamu daawwataniiru.

Janaraal Abdulfataah Albuurhaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii waliin hariiroo biyyoota lameenii fi dhimmoota naannoorraatti mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015