Nageenyaa waaraa buusuu fi rakkinoota hiikuuf hooggansi ciminaan hojjechuu qaba – Ministeera Nageenyaa

78

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (TOI) – Nageenyaa waaraa buusuu fi rakkinoota hiikuuf hooggansi ciminaan hojjechuu akka qabu Ministirri Nageenyaa Mufaariyaat Kaamiil ibsan.


Walga’iin marii hoggantootaa naannoodhaa hanga gandattii walitti baba’an ministeera nageenyaa qophaa’ee magaalaa Finfinneetti gaggeeffama ture xumurameera.

Xumura waltajjichaarratti Ministirri Nageenyaa Mufaariyaat Kaamiil haasaa taasisaaniiru.


Waltajjii marichaarratti dhimmoonni ijoo garagaraa ka’uun irratti marii’tamuu kan kaasaan aadde Mufaariyaat “dandeetti hooggansaa cimsuu fi ga’umsa isaanii olkaasuuf mariin kun ga’ee qabaa” jedhaniiru.


Adeemsa ce’umsa demokiraasii keessatti biyyoonni garagaraa qormaata hedduu keessa darbuu kaasuun, ce’umsi deokiraasii Ityoophiyaa fiixaan akka ba’uuf hunduu tumsuu akka qabu eeraniiru.


Ministirri Nageenyaa Mufaariyaat Kaamiil yakka sukkaneessaa Wallagga Lixaa Aanaa Gullisootti lubbuu lammiilee irratti raawwate gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru. Maatii isaaniif jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015