Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii manneen hojii shanii gamaaggamuusaa beeksise.

197

Finfinnee,Onkololeessa,23,2013(TOI)- Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii manneen hojii shanii gamaaggamuusaa beeksise.

Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii, Biiroo Maallaqaafi Walta’iinsa Diinagdee, Komiishinii Karooraafi Misooma Diinagdee,Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenyaa, Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa gamaaggamuun ciminaaleefi hanqinaalee jiran adda baasuun kallattii xiyyeeffannaa hojii itti aanuu kaa’eera.

Raawwii hojii Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ilaalchisee, galiin diinagdee naannichi funaanu hanqina kan qabu ta’us, raawwiin jiru galii bara darbee waliin wal cinaa qabamee yommuu ilaalamu fooyyee qaba jedhame.

Gama biraan, hojiiwwan murtiifi odiitii karoorfaman keessaa hojiin murtii odiitii duraafi hojii beeksisa 'VAT'hordofuun walqabatee jiru harcaatii guddaa kan qabuufi kuufama taaksii idileefi kuufama galii mana qopheessaa walitti qabuu irrattis hanqinni guddaan akka jiru koreen kun eereera.

Raawwii Biiroo Maallaqaafi Walta’iinsa Diinagdee ilaalchisees, herreegni bara 2012 yeroo isaa eeggatee cufamuun, karoorri tarsimaawaa imala badhaadhinaa waggaa 10fi 5 imaammataafi tarsiimoo mootummaafi haala qabatamaa mana hojichaa giddu galeessa godhachuun hanga caasaa gadiitti gadi bu’uun, piroojeektota dhaabbilee miti mootummaafi sagantaa fandiiwwan adda addaan hojjetaman hordofuun duubdeebii kennuu jalqabuun, uwwisa odiitii naannichaa dabaluun qisaasamaafi mancaatii qabeenya mootummaa xiqqeessuuf jalqabbiin jiru akka ciminaatti koree kanaan madaalameera.

Qophiin karoora piroojeektiiwwan bara 2013 harkifachuun, sadarkaa gadiitti piroojeektota mootummaan hojjetaman irratti hubannoon kan hin jirreefi baajanni piroojeektii (kaappitaalaa) yeroon gadi bu’uu dhabuufi tilmaama qabeenya baajata maddoota galii adda addaa irraa argamuu danda’u adda baasuun baajata waggaa sadarkaa Naannoo, Aanaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa gidduutti qoodame dookumantii Labsii baajataa ta’ee akkaataa maxxansaaf tolutti qophaa’ee Caffeef ergamuu dhabuufi hanqina baajataa sababa godhachuun aanaaleefi magaalota hedduu biratti baajanni osoo hin labsamiin kan jiru ta’uu akka hanqinaatti korichi madaaleera.

Gabaasa raawwii hojii manneen hojii hafaniis bifuma walfakkaatuun qoratee kan jiru yommuu ta’u, gamaaggama manneen hojii hunda taasifame keessatti dhimmoonni akka ciminaatti ilaalaman hojii itti aanuuf galtee ta’anii, kanneen hanqina jedhaman immoo xiyyeeffannaa olaanaa argachuun irratti hojjetamuu akka qabu Dura Taa’aan Korichaa Obbo Yiilmaa Wayyeessaa ibsaniiru.

Caffee Oromiyaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015