Sudaan Kibbaa keessatti Pooliyoon deebi’ee ka’e

62

Finfinnee, Onkololeessa 17.2013(TOI)-Ministeerri Fayyaa Sudaan Kibbaa naannoolee biyyattii shan keessatti dhibeen pooliyoo deebi’ee ka’uu isaa beeksisaniiru.
Tatamsa’inni haaraa kun vaayirasii talaalliirra dandamachuu irraa madduun dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa xiqqaa qabaachuu irraa kan dhufedha.

Waxabajjii keessa Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) damee Afrikaa, Sudaan Kibaa vaayirasii pooliyoorraa bilisa ta’uu ibsee ture.
Jalqaba vaayirasiin kun deebi’ee ka’uun isaa kan barame ji’a darbe saamudi qorannoof fudhatame vaayirasicha qabaachuu erga barameedha.

“Pooliyoon haaraa kun vaayirasii uumamaa irraa utuu hin taane, talalliirraa kan dhufedha. Ammatti naannolee shan keessatti namoota 15 irratti argameera,” jechuun qondaalli ministeerichaa Dr Joon Rumunu magaalaa Jubaatti Reuters’tti himaniiru.

Ministeerri kun tatamsa’ina kana to’achuuf hordoffii fi duula dandeetti dhibee of irraa ittisuu qaamaa irratti hojjachaa jira.
“Duulli biyyaaleessa kun naannoolee 10 keessatti kaawuntiiwwan jiran 45 keessatti, daa’imman miiliyoona 1.4 ta’an irratti xiyyeeffachuun ni hojjatama.
Sadarkaa lamaan kan deemamu yoo ta’u, torban jalqabaa Sadaasaa keessa ni eegalama,” jedhu Dr Rumunuu.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015