Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa qophiiwwan filannoo dhufuurratti barbaachisaan ilaalchisee dhimmamtoota waliin marii ta’eera.

65

Finfinnee, Onkololeessa.16,2013(TOI)- Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa qophiiwwan filannoo dhufuurratti barbaachisaan ilaalchisee dhimmamtoota waliin marii ta’eera.

Marii kanarratti manneen hojii Ministeeroota seektaroota dhimmii ilaallatuu kan argaman yoo ta’u, deeggarsa ijoo manneen hojii Ministeerootarraa eegamu irratti mari’achuun waligalteerra gahameera.

Ministeeroonni Maallaqaa, Fayyaa,Nageenyaa,Raayyaa Ittisaa Biyyaa,Saayinsifi barnoota olaanoo akkasumas Abbaan Taayitaa Istaatiksi Giddugaleessaa marii kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u,Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa marii kana qindeessera.

Akkata marii kanaatiin Ministeerri Maallaqaa baajata yeroon gadlakkisuufi raawwachistoota filannoof dhiyyeessiifi bittaa meeshaalee ittisaa ilaalchisee deeggarsa taasisuuf waligalteerra gahameera.

Ministeerri Fayyaa tarkanfiwwan Boordiichi weerara vaayirasii koronaa ittisuuf fudhatu gamaaggamuufi yaada ogummaa kennuu,odeeffaannoo Wayitaawaa boordiichaaf kennuun walglteerra gahameera.

Ministeerri Fayyaa immoo waltajjiiwwan waloo sodaan nageenya filannoo itti gamaggamamuu qopheessu, sirna komii sosochii Paartiilee Siyaasaarra ka’aan waliin furuu uumuu,kenninsa leenjii ijaarsa dandeetti irratttti waliin hojjachuu akkasumas odeeffaannoo wayitaawa lammilee buqqa’anii yeroon boordiichaaf dhiyeessuurratti waligalteerra gahameera.

Ministeerri Rayyaa Ittisaa Biyyaa odeeffannoowwan addaa buufata filannoo hundeessuuf gargaaran dhiyyeessuu,tajaajila Loojistiksiifi nageenyaa barbaachisaa ta’ee kennuu,iddoowwan rakkoon nageenya mudateetti Oppereeshiini filannoof deeggarsa nageenya kabaachisuu taasisuurratti walii galameera.

Ministeerri Saayinsiifi Barnoota olaanoo dhaabbilee barnootaatti filattoota galmeessuu,odeeffannoo tajaajila barattootaa sagalee kennuuf tajaajilan keennuurratti waliigalameera.

Abbaan Taayitaa Istaatiksi Giddugaleessaa odeeffaannoowwan raawwachistoota filannoo adda baasufi adeemsa boobbiif tajaajilan dhiyeessuu irratti waliigalteerraa gahameera.

Maddii Boordii Filannoo Biyyaaleessati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015