Kurmaana duraatti damee huuccuurraa Doolaarri miiliyoona 40 argame - ENA Afaan Oromoo
Kurmaana duraatti damee huuccuurraa Doolaarri miiliyoona 40 argame

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (TOI) - Kurmaana duraa bara kanatti damee huccuurraa Doolaarri miiliyoona 40 argamu Instiitiyuutiin Misooma Indaastirii Huccuu Itiyoophiyaa beeksise.
Instiitiyuutichi raawwii kurmaana duraa waggaa bara baajataa 2013 fi karoora marii misooma waggaa 10 irratti hojjettoota isaa waliin marii’ateera.
Marichaan raawwii kurmaana jalqabaa, haala daamichaa, kallatti xiyyeeffannoo karoora waggaa 10 irratti marii’achuu ibseera.
Daayreektarri Olaanaa Instiitiyuutiin Misooma Indaastirii Huuccuu Ityoophiyaa onno Silashii Lammaa kurmaana jalqabaatti damee huuccuurraa Doolaarri miiliyoona 40 argamuu ibsaniiru.