Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee Arbaa Miinci galan

87

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (TOI) - Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee magaalaa Arbaa Miinci galaniiru.

Preezdaanti Saahilawarqi wayita buufata xiyyaaraa ga’an hoggantoonni olaanoo naannoo Kibbaa, abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa bakkichatti argamuun simannaa taasisaniiru.

Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee turtii isaaniin magaalaa Arbaa Miinciin yaa’ii magaalootaa guyyaa boruu kabajamu hirmaachuufi jedhameera.

Dabalataan bakka buutota hawaasa naannichaa waliin ni marii’atu jedhameet eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015