Pirojeektiin Barnootaa Ifa Boruu Baasii birrii biliyoona 4.9 oliin yeroo ji’a 7 keessaatti xumuramanii tajaajilaaf qophii taha jedhame

127

Finfinne Onkololeessa.10,2013(TOI) - Pirojeektiin Barnootaa Ifa Boruu
Baasii birrii biliyoona 4.9 oliin yeroo ji’a 7 keessaatti xumuramanii tajaajilaaf qophii taha jedhame.

Sadarkaa Pireezedaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa fuula Feesbuukii isaanirratti akka barreessanitti Pirojektiin Barnootaa Ifa Boruu baasii birrii biliyoona 4.9 oliin yeroo ji’a 7 keessaatti xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’u jedhaniiru.

Pirojektiin Barnootaa Ifa Boruu of keessatti Manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa 100, Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa Addaa 40fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 kan qabu tahuus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015