Manni Maree magaalaa Finfinnee yaa’ii 8ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessa jira

80

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (TOI) – Manni Maree magaalaa Finfinnee yaa’ii 8ffaa bara hojii 1ffaa galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeessa jira.


Yaa’ichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara hojii 2013 bulchiinsa magaalichaa kan gamaaggamu ta’uu ibsameera.


Yaa’ii idilee galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeeffamu kanaan wixinee labsii Kutaa magaaloota Finfinnee deebisanii hundeessuu dabalatee kanneen biroo dhiyaaturratti mari’achuun murtoo ni dabarsa jedhamee eeggama.


Dabalataan muudamoota garaagaraa itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dhiyeessan kan mirkaneessu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015