Atleet Hagos fiigicha Kiiloo Meetira 10 Xaaliyaanitti gaggeeffameen riikkardii iddichaa fooyyeessun injifate

99

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (TOI) – Atleet Hagos Gabrahiyiwat fiigicha daandirraa fageenya Kiiloo Meetira 10 Xaaliyaanitti gaggeeffameen riikkardii bakkichaa fooyyeessuun moo’ate.

Atleet Hagos fageenyicha daqiiqaa 29:49niin xumurera.

Riikkardiin iddichaa daqiiqaa 30:10 ture.

Oduu biroon jilli Atleetiksii Shaampiyoonaa walakka maaraatoonii addunyaa 24ffaa Poolaand Giidiiniyarratti hirmaachuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumure har’a Finfinnee galeera.

Garichi har’a ganama wayita Buufata Xiyyaaraa idila Addunyaa Boolee ga’u simannaan taasifameefira.

Preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu fi Itti Gaafatamaan Waajjiraa Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa obbo Biiliillinyi Maqoyyaa jila kanaaf simannaa taasisuu isaanii ragaan Federeeshinicharraa argame ni agarsiisa.

Garee kanaaf har’a waaree booda sa’aatii 10:00 Hoteela Xiruunash Dibaabaa Laga Xaafootti argamutti sirni beekkamtii fi badhaasaa ni laatamaf jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015