Waamicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad "maaddiin biyyaaf" dhiyeessaniif dhaabbileen deebii laachaa jiru.

81

Finfinnee, Onkololeessa 7/2013(TOI)-Waamicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad "maaddiin biyyaaf" dhiyeessaniif dhaabbileen deebii laachaa jiru.

Dooktar Abiy misooma proojaktii Kooyshaa, Gorgoraa fi Wanciif waamicha tumsaa dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Dhaabbileenis tumsa taasisaa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

Haaluma kanaan dhaabbileen Birrii miiliyoona 5 fi miiliyoona 10 gumaachan nagahee maallaqa baankiitti ittiin galchan karaa teessoo dineforethiopia@pmo.gov.et akka ergan gaafatameera.

Dhaabbileen maallaqa galchuun isaanii ibsame;
Baankii Daashan - Birrii miiliyoona 30
Koorporeeshinii Manneenii Federaalaa - Birrii miiliyoona 10
Birihaan Baank - Birrii miiliyoona 20
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa - Birrii miiliyoona 20
Innaat Baank - Birrii miiliyoona 5
Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa - Birrii miiliyoona 10
Baankii Abisiiniyaa - Birrii miiliyoona 20

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015