Walga’iin 5ffaan bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wiixata ni gaggeeffama

70

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (TOI) - Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii 5ffaa bara hojii 6ffaa walga’ii addaa 1ffaa Wiixata dhufu ni gaggeessa.

Manni marichaa galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti walga’ii addaa 1ffaa kana ni gaggeessa jedhame.

Walga’icharratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ni argamu jedhameera.

Akkasumas koreen dhaabbii qonnaa, horsiisee bulaa fi dhimmoota eeggumsaa naannoo fi koreen dhaabbii hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Wiixata walga’ii ni gaggeessu jedhamee eeggama.

Koreewwan dhaabbii kunneen Wiixata waaree booda sa’aatii 8:00 irraa eegaluun galma yaa’ii mana marichaatti walga’ii ni gaggeessu jedhameera.

Maddi:- Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015