"Motummaan Naannoo Oromiyaas,dargaggoota guddina biyyaaf humna murteessaa ta'an giddu galeeffatee xiyyeeffannoon hojjechaa jira"Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

194

Finfinnee, Onkololeessa 05,2013(TOI) - "Motummaan Naannoo Oromiyaas,dargaggoota guddina biyyaaf humna murteessaa ta'an giddu galeeffatee xiyyeeffannoon hojjechaa jira"Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Magaalaan Adaamaa dargaggoota magaalitti 1,700 ta'aniif,mata duree imaammata misooma mootummaa fi raawwii isaanii irratti leenjii guyyaa shaniif kenneera.

Xumura leenjii kanaarratti Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa argamuun ergaa dabarsaaniin,Dargaggoonni qindoominaan yoo hojjettan biyyattiif carraa guddaadha jedhan.

Motummaan Naannoo Oromiyaas,dargaggoota guddina biyyaaf humna murteessaa ta'an giddu galeeffatee xiyyeeffannoon hojjechaa jiras jedhan.

Of jijjiiruun boo'anii of boossisuun osoo hin taane,dadhabbii fi ciminaan hojjechuu gaafataa jedhan.

Kanaaf dargaggoonis ofii fi maatii keessan jijjiiruuf cimtanii hojjechuutu isinirraa eegama jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta'uun Zoonii Dinagdee Addaa hundeessuuf hojjetamaa jiras jedhameera.

Dargaggoonni magaalaa Adaamaa warra carroomtan waan taataniif,carraa jirutti fayyadamuun jaabaattanii hojjechuutu isinirraa eegama jechuunis dargaggoota magaalittiif dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015