Pireezdaanti Isaayyas Afawarqii daawwanaa hojii guyyaa 3f Itiyoophiyaatti taasisa turan xumuruun gara Asmaraatti deebi’an

2554

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (TOI) –Pireezdaanti Isaayyas Afawarqii daawwanaa hojii guyyaa 3f Itiyoophiyaatti taasisa turan xumuruun gara Asmaraatti deebi’an.

Pireezdaanti Isaayyas Afawarqii fi Jilli isaanii Wiixata darbe daawwannaa hojii guyyaa sadii Ityoophiyaatti taasisaan Jimmatti kan eegalan.

Pireezdaanti Isaayyas Afawarqii fi Jilli isaanii hidha haaromsaa dabalatee pirojaktoota gurguddoo Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu daawwataniiru.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy akka fuulaa feesbuukii isaaniin barreessanitti Daawwanna hojii bu’a qabeessa taasifame cinaatti hariiroo biyyoota lameeenii dhimmoota caalmaatti cimsanii fi dhimmoota naannichaarrattis bal’inaan marii’chuu ibsaniiru.