Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Atleet Lattasanbat Gidayiin baga gammadde jedhan

2552

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (TOI)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Atleet Lattasanbat Gidayiin baga gammadde jedhan.

Dooktar Abiy, Atleet Lattasanbat Giday fiigicha meetira kuma shanii Speen Vaaleenshiyaatti gaggeeffameen riikardii adduunyaa cabsuu isheetin ergaa baga gammaddee dabarsaniiru.

Atleetittiin 14 ፡ 06: 65 fageenyicha Kan xumurte yoo ta’u, kanaan dura riikardichi Atleet Xiruuunash Dibaabatiin 14 ፡ 11 ፡ 15 qabamee tureera.