Oromiyaatti namoota dabalataa 120 irratti vaayrasii koroonaa argame

52

Finfinnee, Fulbaana 23/2013 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 120 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 512 hojjetameen vaayrasichi namoota 120 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 12, 647 ga’eera.

Lubbuun namoota 3 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 101 darbeera.

Namoonni haaraan 496 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 7611 dandamataniiru.

Namoonni 24 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4935 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 196,973 gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015