Naannoo Beenishaanguul Guumz namoonni sababaa rakkoo nageenya qe'ee isanirra bu'anii turan gara qe'ee isaanitti deebi'an

72

Finfinnee, Fulbaana 25/2013 (TOI) – Naannoo Beenishaanguul Guumz aanaa Dibaaxiitti namoonni rakkoo nageenyaa mudatee tureen qe'ee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’anii turan gara qe'ee isaaniitti deebifamuun ibsame.

Namoonni 213 aanichatti ganda Qorqaa fi Sonboo sareetii buqqa’anii turan kaleessa gara qe'ee isaaniitti deebi’uu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaa beeksiseera.

Namoonni buqqa’anii turan kanneen wiirtuu tursa yeroo Gaaleessaa turaniiru.

Biirichi akka beeksisetti humni nageenyaa federaalaa fi naannichaa hojii nagaa buusuu hojjechaa tureera.

Abbootii fi haadholii warraa gara qe'ee isaaniitti deebi’an 44 yookin namoota 213 keessaa namoonni 94 dhiira yoo ta’an, 119 ammoo dubartoota.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015