Abbootiin Alangaa Naannoo Tigraayi hojii dhaabuuf jirra jedhu

82

Finfinnee Fulbaana 25/ 2013(TOI) - Abbootiin Alangaa Naannoo Tigraayi sababa giddu seentummaa siyaasaa fi dhiibbaa murtoo gaggeessitoota mootummaa naanniichaatin hojii dhaabuf jirra jedhan.

Abbootin Alangaa sababa sodaa nageenyummaa dhunfaan maqaan keenyaa akka hin waamamne jedhan kunneen giddu seentummaa siyaasaa mootummaa naanniichaatin hojii fi jireenyaa keenyaa miidhaa jira jedhaniiru.

Dhiibbaan gaggeessitoonni siyaasaa geessisaa jiran baay’ee ta’us, gaaffii bilisummaa ogummaa dhabuufi haqummaa kaffaltii mindaaf gaafanne deebisuurra Abbooti Alangaa hojii irraa hir’isuuf hojjatamaa akka jiruus himaniiru.

Kanumarraa kan ka’e fi sababa giddu seentummaa siyaasa mootummaa naanniichaatin guyyaa boruu irraa eegalee hokkara hojii dhaabu taasisuuf akka jiran dubbataniru.

Akka gabaasa Dhaabbata Pireesi Itiyoophiyaatti, mindaan Abbooti Alangaa naannoo Tigraayi, miindaa Abbooti Alangaa naannoolee biroo irra baay’ee xiqqaadha;kun akka sirratu gaafatanis mootummaan naanniichaa waada galu irraa kan hafe sirreessuu akka hin dandeenye himaniiru.

Mootummaan naannichaa gaaffii isaani akka deebisuu ibsuun, hokkara hojii dhaabu akka hin taasifnef nu gaafachaa jira kan jedhan Abbootin Alangaa kunneen, akkaataa odeeffaannoo qabnuutin mindaa sirreessuurraa lakkoofsa Abbooti Alangaa hir’isuuf hojjachaa jira jedhaniiru.

Giddu seentummaan siyaasaa mootummaa naannichaan isaanirra gaha jirus ummata Tigraayif haqa sirri ta’ee kennuuf nu rakkisaa jiras jedhaniiru.

Kana waan ta’ef gaaffiin isaanii itti aanu dhaabbata isaani keessatti bilisummaan ogummaa akka kabajamuu taasisuudhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015