Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraa saanii Meelaaniyaa Tiraamp Covid-19n qabaman

74

Finfinnee Fulbaana 22/2013(TOI)-Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraa saanii Meelaaniyaa Tiraamp Covid-19n qabaman.

Donaald Tiraamp erga gargaartuun isaa koronaavaayirasiin qabamuun baramee booda adda of baasuun turuu himee ture.

Haa ta’u malee, erga Pirezidaantichi karaa tiwiitara isaanitiin dabarsaniin, ‘‘Qorannoo galgala kana nuuf taasifameen Covid-19n qabamuun kiyya mirkanaa’eera’’ jedhan.

Itti dabaluunis adda of baasnee turuun battalumatti bayyanachuu keenya itti fufnas jedhan.

Tiraampi dorgommii pirezidaantummaa marsaa lammaffaatiif falmii isa jalqabaa halkan dheengaddaa taasisanii, haasaan isaan taasisan mata duree ijoo dubbii midiyaalee ta’ee ture.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015