Sirni kabajaa ayyaana irreechaa bara kanaa covid-19 irraa of eegganno raawwatamu qaba jedhame

93

Finfinnee Fulbaana 21/ 2013 (TOI) – Sirni kabajaa ayyaana irreechaa bara kanaa vaayrasii koroonaarraa of eegganno raawwatamu akka qabu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akeekkachiise.

Yeroo ayyanichi kabajamu wantoota weerara vaayrasii koroonaaf saaxilamoo taasisaan iddoo tokkotti walitti qabamuu, fageenya qaamaa eeggachuu dhabuu, haguugduu afaanii fi funyaanii seeraa kaawwachuu dhiisu, harkaa bishaanii fi saamunaan seeraan dhiqachuu ykn ammoo saanitaayzaara fayyadamuu dhiisuun tamsa’innni vaayrichaa haalaan waan daddarbuuf of eeggannoo ga’aan taasifamuu qaba jedhameera.

Hawaasni ayyaanicharratti hirmaatu hundi fageenya isaa eeggachuu fi haguugduu afaanii fi funyanii seeraan kaawwachuun akkasumaas saanitaayzara fayyadamuun vaayrasicharra of baraaruu qaba jechuun inistiityuutichi yaadachiisera.

Irreechaa waggaa dhufuu waliin kabajuuf har’a of eeggannoon taasifamuu qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015