Naayijeeriyaan meeshaa hatattamaan bu’aa Covid-19 agarsiisu uumte

Finfinnee Fulbaana 21/2013(TOI)-Meeshaan qorannoo koronaavaayirasii naayijeeriyaan kalaqxe kun daqiiqaa 40 osoo hin guutin bu’aa qorannoo baasa.

Ministirri Fayyaa biyyattii Olurumnimbe Mamora meeshaan qorannoo kun akkaan si’ataa fi gatiinsaas kan duraan turerra rakasa jedhan.

Argattoonni siichi qaamolee to’attootaatiin kan mirkanaa’u ta’ullee garuu gamanumaa lammiile biyyattiif abdii ta’eera.

Meeshaan qorannoo kun akkuma ulaagaa keessa darbuu qabu xumureen hawaasa guutuuf raabsama jedhan qondaalli fayyaa kun.

Uummat miiliyoona 200 kan qabdu Naayijeeriyaan kana keessaa namoota 500,000 koronaavaayirasiif qoratteetti.

Kanneen vaayirasichaan qabaman 58,000 keessaa 1,000 kan ta’an du’aniiru.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015