Dandiin xayyara Itoophiyaa dhiibbaa dinagdee Weerara Koroona gahee damdamachuun walakkaa bara baajatichaatti bu’aa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 44 argate.

139

Finfinnee Fulbaana 20/2013 (TOI)- Daandiin Xiyyaaraa Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaa dandamachuun ibsame.

Daandichi baatiiwwan ja’an darban weerara vaayrasii koroonaa indaastirii daandii qilleensaa idil addunyaa miidhe dandamatee darbuusaa AFPn gabaasera.

Hoji raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldaa G/maariyaam sadarkaa idil addunyaatti imalli daandii qilleensaa %90 hir’isee turuu ibsaniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaatis kana hubachuudhan xiyyaarota imaltootaa gara fe’umsaatti jijjiiruun galiin argatu akka hin miidhamne hojjeteeran ibsan.

Daandichi xiyyaarota imaltootaa 45 gara xiyyaarota tajaajila geejibaatti jijjiirera jedhan.

Hojichaanis weerara vaayrasichaatin miidhaa diinagdee qaqqabuu malu dandamateera jedhan hoji gaggeessichi.

Walakkaa bara baajatichaatti bu’aa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 44 argachuus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015