Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sirna kabaja ayyaana Irreechaa sirnoota gara garaan miidhaqsuuf qophii barbaachisu gochaa jira

172

Finfinnee Fulbaana 19/2013(TOI) - Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sirna kabaja ayyaana Irreechaa sirnoota gara garaan miidhaqsuuf qophii barbaachisu gochaa jira.

Waldaan Dargaggoota Oromoo Magaalaa Finfinnees ayyaanicha miidhagsuufi dhimmoota nageenya kabachiisuun wal qabatan irratti mar'ataniiru.

Waltajjii kanarratti Abbootiin Gadaafi Kantiibaa itti aantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee argamaniiru.

Waldaan Dargaggoota Oromoo Magaalaa Finfinnee bara 1998 kan hundeeffame yoo ta'u, bara 2010 gurmaa'iinsa isaa cimsachuun hooggansa filatee yeroo ammaa miseensota kuma 68fi 457 akka qabu Pireezedaantiin Waldichaa Dargaggoo Baacaa Jireenyaa haasaa baniinsa waltajichaa irratti taasiseen himeera.

Dargaggoonni utubaa siyaas-diinagdee fi hawaasummaa biyyattii waan ta'aniif dargaggoonni gurmaa'nsa isaanii yoo cimsatan ofirra darbanii rakkoo biyyaaf furmaata ta'u jedhe.

Yeroo ammaa waldaan kun Finfinnee keessatti gurmaa'insa dargaggootaa sabaafi sablammoota obbolaa isaa ta'an waliin qindoominaan hojjachaa jira.

Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfiinnee hangafa hora hundumaa ta'ees karaa nagaan kabajuuf qophii barbaachisu gochaa akka jiran dubbate.

Irreechi bakka sirnaafi safuu uumaati. Sirni Irreeffanna, calaqqee aadaafi safuu Oromooti. Bakka ilaalchi siyaasaa itti calaqqisuu ta'uu hin qabu jedhe.

Kanaaf, haala weerara vaayirasii koronaaf nama hinsaaxlleen, kallattii Abbootiin Gadaa ka'aniin keessummoota Irreecha irratti akka argamaniif murtaa'e simachuuf qophaa'uus himeera.

Waltajjii qophaa'e kanarratti maalummaa Irreechaafi achii dhufa sirnichaa irratti waraqaan qorannoo dhiyaachaa jira.

Kantiibaa itti aantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebees xumura irratti tumsa mootummaan milkaa'ina ayyaanichaaf gochuu qabuufi kallattii waliin hojjachuuf dandeessisu irratti akka dubbatan eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015