Ityoophiyaatti qorannoon eenyumaa fi ofiin of bulchuu waliin walqabate gaggeessuuf guutuu biyyatiitti bakkeewwan 68 akka uwwisu eerame.

69

Finfinnee, Fulbaana 15,2013 (TOI) - Ityoophiyaatti rakkinoota eenyumaa fi ofiin of bulchuu waliin walqabatee proojaktiin qorannoo biyyaalessaa hundeerraa furuu danda’u waggaa kanatti xumuruu Yuunivarsiitiwwan waliin akka hojjetan ibsame.

Yuunivarsiitiiwwaan 24 ityoophiyaatti argaman bulchiinsa daangaa, eenyummaa fi ofiin of bulchuu irratti kan gaggeeffamu proojaktii qorannoo biyyaalessaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Walitti qabaan Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa daangaa fi Eenyummaa Dooktar Xaasaw Gabree akka ibsanitti qoranicha yeroon gaggeessuf waliin hojjechuun gaaridha.

Qorannichi kan gaggeeffamu walqixxummaa fi eeyyamummaa ummataa irratti hundaa’uun tokkummaa uumuuf furmaata fudhatamanirratti yaada murtoo dhiyeessuuf akka danda’amuufidha jedhan.

Qorannichi sabaa fi sablammiilee hunda, godinootaa fi aanoolee hunda akkasumas naannoowwan daangaatti akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan qorannichaan bakkeewwan 68 guutuu Ityoophiyatti kan daanga’an yoo ta’u, dhuma bara kanaatti ni xumurama jedhameera.

Ministirri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaatoo sirna mallattoon booda akka himanitti kaayyoon qorannichaa rakkinoota kana fakkataan balleessuuf ta’uu himaniiru.

Qorannicha gaggeesuuf Birriin miiliyoona 20.5 kan qabame yoo ta’u maallaqichi karaa Yuunivarsiitii Finfinnee baasii akka ta’u ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015