Kooriyaan Kaabaa qondaala Kooriyaa Kibbaa ajjeestee gubde jedhamteef dhiifama gaafatte - ENA Afaan Oromoo
Kooriyaan Kaabaa qondaala Kooriyaa Kibbaa ajjeestee gubde jedhamteef dhiifama gaafatte
Finfinnee Fulbaana 15/2013(TOI)-Hoggaanaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un qondaallii Kooriyaa Kibbaa ajjeefamuusaatiif dhiifama gaafachuusaanii biiroon pirezedantii Kooriyaa Kibbaa beeksise.
Kiim Jong Un gitasaanii kan Kooriyaa Kibbaa, Muun Jayi-in ajjeefamuun hin qabu ture, waan jibbisiisaadha jchuun dhiifamas gaafatan.
Kooriyaan Kibbaa akka ibsiteetti, namtichi umrii ganna 47 gara biyya ollaa Kooriyaa Kaabaatti miliquudhaaf bidiruun waan imalarra jiruu se'anii, loltoonni Kooriyaa Kaabaa qaama bishaani biyyasaanii keessatti argan.
Sana booda rasaasaan rukutanii ajjeessuun reeffasaatti ibidda qabsiisaan jetti Kooriyaan Kibbaa.
Kooriyaa Kaabaa koronaavaayirasiin akka biyyattii hin seenne ittisuudhaaf namoonni daangaa qaxxaamuruuf yaalaan akka rasaasaan rukutamanii du’an imaammata baafattee qabdi.
Kiim dhiifama kan gaafatan xalayaa gitasaanii Pirezedantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jeyi –in erganirratti ibsan.
Kooriyaan Kaaba ta’ii kanarratti ibsa bal’aa kennite, rasaasni 10 gara namticha ajjeefametti dhukaafamun ibsameera.
Reeffii namticha bishaaniirra bidiruun otoo imaluu ajjeefame akka hin gubanne, garummoo waanta inni ittiin imalaa ture gubuu Kooriyaan Kaabaa ibsiteetti.
Madda:-BBC