Waamicha Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo dabarse hojiirra akka ooluuf ummaanni Oromoo marti tumsuu akka qabu dhaamame

104

Finfinnee Fulbaana 13/2012(TOI) - Gumiin Abbootii Gadaa Odaa Huullee Kabaja ayyaaana Irreechaa ilaalchisee waamichi Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo dabarse qixaan hojiirra akka ooluuf ummaanni Oromoo marti tumsuu akka qabu dhaameera.

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Hora Finfinnees ta’ee Hora Harsadeetti namoota murasaan akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa waamicha dabarsuun isaa ni yaadatama.

Gumiin Abbootii Gadaa Odaa Huullees ergaa dabarseen waamichi Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo dabarse qixaan hojiirra akka ooluuf ummaanni Oromoo marti tumsuu akka qabu jedhe.Irreechi gaachana tokkummaa Oromooti kan jedhan miseensoonni Gumiin Abbootiin Gadaa Odaa Huullee, Ayyaana tokkummaa, jaalala, galataa fi araaraa kan ta’e Irreecha wayita kabajnu waan Abbootiin Gadaa murteessanii kallattii kaa'an hojiirra oolchuun ta'uu qabas jedhaniiru.

Boru jiraannee nagaan Irreeffachuuf har'a fayyaa keenya eeggachuun murteessaa waan ta'eef Irreechi baranaa akkaataa dhibee balaafamaa kanaaf nun saaxilleen akka kabajamuu fi murteen darbes dhugoomuuf hundi keenya gahee adda durummaa bahachuu qabna jechuunis dhaamaniiru.Kominikeeshinii Godina Jimmaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015