Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad lammiileen Itiyoophiyaa deeggartoota daddabarsa maallaqa seeran alaa irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013( TOI)-Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessas ta’ee kan ala jiraataan deeggartoota daddabarsa maallaqa seeraan alaa akka hintaane hubachiisaniiru.

Yemmuu jijjiirraan maallaqaa haaraan tibba kana taasifamus daasporoonni biyyasaanii jaalatan hundi sharafa alaa karaa seeran qofa akka ergan Doktar Abiyyi waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad lammiileen daddabarsa maallaqaa karaa seeraan alaarraa akka of qusatanis dhaamaniiru.

Itiyoophiyaan Fulbaana 4 maallaqa duraan turan abbaa nootaa 10, 50fi 100 nootii Birrii haaraa bakka bu’an gosoota maallaqaa haaraafi nootii Birrii haaraa 200 maxxansuun ishee ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015