"Magaalaan Finfinnee qulqulluufi jireenyaaf mijooftuu akka taatu hunduu tumsuu qaba." - ENA Afaan Oromoo
"Magaalaan Finfinnee qulqulluufi jireenyaaf mijooftuu akka taatu hunduu tumsuu qaba."

Finfinnee,Fulbaana 09,2013(TOI) - "Magaalaan Finfinnee qulqulluufi jireenyaaf mijooftuu akka taatu hunduu tumsuu qaba " jedhan Kantibaa itti aantuun magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Har’i guyyaa qulqullinaa addunyaati kan jedhan Aadde Adaanach, guyyaa har’aa jiraattonni magaalaa Finfinnee miliyoona tokkoo ol- ta’an hawaasa bal’aatti makamuun naannoo ofiifi magaalaa keenya qulqulleessineerra jedhan fuula feesbuukii isaanirratti.
Yeroo dhiyootti manneen barnootaa banamaniif keemikaalota farra ilbiisotaas biifamaniiru jedhan.
Bara darbe namoota qulqullina magaalattii irratti hirmaatan galateeffachuun, har’a irraa eegaluun jiraatoonni hundi wal gargaaruufi humna tokkoon Finfinnee aka maqaashee kabaja ishee madaalu duula qulqullinaa irratti haa bobbaanu jechuunis waamicha dabarsaniiru.
Maddi:- Sekiratarii bulchinsa Magaalaa Finfinne.