Guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa eegaluuf hojjetamaa jira-Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

70

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (TOI) – Bara haaraatti hojiiwwan guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa eegaluuf dandeessisan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqaalaan ibsan.

Bara 2013tti hojiileen madda anniisaa Yuuniitii lamaa hafan xumursiisuun isa duraa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqaalaan himaniiru.

Akkasumsa hojiileen Tarbaayinaa fi Jeneereetara dhaabuu ni raawwatama jedhaniiru.Dhaabbii hidhichaa meetira 560 irraa gara meetira 595tti ol guddisuun hojii ijoo bara kanaa ta’uus ibsaniiru.

Hojiin kun Guutinsa Bishaanii marsaa 2ffaa ganna dhufu gaggeeffamuuf haala mijjeessa jedhan.Dooktar Injiinar Silashiin, hojiilee Proojaktichaa yeroo itti aanu keessa raawwatamaniif hirmaannaan ummata cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Hirmaannaan Ityoophiyaannoonni Guutinsa Bishaanii marsaa duraarratti muul’isan caalmaatti itti fufu akka qabus himaniiru.Mariin biyyoota yaa’a gadii waliin taasifamu fayyadamummaa Ityoophiyaa karaa eegeen itti fufa jedhan.

Bara 2013tti hojiileen Koonistiraakshinii hedduun akka gaggeeffamu kan ibsan, Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan,murannoo fi kutannoon Proojaktoota biyyaaleessaa eegalaman xumuruun cimee itti fufa jedhaniiru jechuun Faanaa Broodkaastiing Koorporeet gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015