Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Inisheetiiviiwwan misoomaa garagaraa bu’aa qabatamaa agarssisaa jiru- Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Waxabajji 2/2018(ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Inisheetiiviiwwan misoomaa garagaraa bu’aa qabatamaa agarssisaa jiru jedhan Afa-yaa'ii Cafffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahamaan.


 

Mootummaan Badhaadhina hunda-galeessaafi ijaarsa dinagdee damdamataa dhugoomsuuf Inisheetiiviiwwan garagaraa diriirsuun hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddaan galmaa'aniiru jedhan.

Tarkaanfiiwwan kanneen keessaas Inisheetiiviin damee qonnaa isa tokko yoo ta'u, kunis Oomishaafi oomishtummaa guddisuun Badhaadhina hunda-galeessa, dinagdee damdamataafi dam-daneessa milkeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu akka ta’e ibsaniiru.


 

Magaalaa Shaggarittis carraawwan Oomishtummaa jirutti fayyadamuun hojii hojjetameen bu'a-qabeessummaa dameen qonnaa guddina dinagdee mirkaneessuu keessatti qabuufi galmoota Magaalichaa dhugoomsaa jira jedhaniiru.


 

Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti inisheetiiviiwwan misoomaa beelladaafi hojiin qophii biqiltuu Ashaaraa magariisaa dabalatee Inisheetiiviiwwan misoomaa garagaraa Afa-yaa'ii Cafffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan fi hooggantoota sadarkaan jiraniin daawwatameera jechuun wajjirri Komunikeeshiniin magaalaa Shaggar gabaaseera.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015