Tamsaasa Kallatti:

Addaan ciccitinsa Anniisaa Waktii gannaa uumamuu danda’u hir’isuuf pirojektoonni bal’aan hojjetamaa jiru

Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Waqtii gannaatti addaan citinsa annisaa mudachuu danda’u hir’isuuf hojiileen bal’aan hojjetamaa jiraachuu Humni Elektiriika Itiyoophiyaa beeksiseera.

Tajaajilichatti hoji-raawwachiisaa bulchiinsa bu’uuralee Misooma Elektiriikaa Doktar Gabayyoo Likkaasaa, hojiilee addaan citinsa annisaa hir’isuuf hojjetamanii fi waqtii ganna dhufu ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniitiinis, sadarkaa biyyaalessaatti hojiin sakatta’iinsa sarara giddu-galeessaa kiilomeetira kuma 6 fi 274 ta’u hojjetamuu eeranii, hojiin sakatta’iinsa tiraansfoormaroota kuma 67 fi 131 raawwatamuu ibsaniiru.

Kanaanis, argannoowwan marsaa jalqabaa kanneen addaan citinsa annisaatiif sababa ta’an keessaa, neetworkiin raabsaa (distribution network) dhibbentaa 92, tiraansfoormaroota raabsaa (distribution transformers) keessaa ammoo dhibbentaa 86 tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatameera jedhaniiru.

Hojiilee hojjetaman keessaa, mukeen sarara keessa galan, utubaa mukaa dabe ykn dulloome jijjiiruu, fi insuleetaroota addaan citinsa humna elektiriikaatiif sababa ta’an jijjiiruun hojjetameera jedhan.

Ji’oottan saglan darban keessatti dandeettii faayinaansii ofitiin ijaarsi sarara giddu-galeessaa fi gadi aanaa KM. kuma 3 fi 099 raawwatamuu eeraniii, tiraansfoormaroota raabsaa moofaa kuma 1 fi 579 irratti hojiin fooyya’iinsa dandeettii hojjetameera jedhan.

Dandeettii ofitiinii fi deeggarsa dhaabbilee Idil-Addunyaatiin pirojektoonni fooyya’iinsa neetwarkii hojiirra oolaa jiraachus ibsaniiru.

Hojiilee addaan citinsa annisaa ittisuuf hojjetamaniin bu’aan argamuu eeranii, ganna dhufu keessa addaan citinsi annisaa akka hin mudanne hojiileen qophii hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Kaniifis, hojiilee pirojektiiti hanga Waxabajjii 30tti xumuruuf galmii qabamee sochiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajilichi of-eggannoof jecha sagantaawwan addaan citinsa annisaa karoorfaman guyyaa tokko dura fuula miidiyaa hawaasummaa tajaajilichaa fi filannoowwan miidiyaa dijiitalaa fi idilee adda addaatiin uummataaf kan beeksisu ta’uus beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015