Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Waldiyaatti argamuun hojiilee misoomaa garagaraa ni daawwatu - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Waldiyaatti argamuun hojiilee misoomaa garagaraa ni daawwatu
Waxabajjii 2 /2018 (ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa hojiilee misoomaa garagaraa daawwachuuf magaalaa Waldiyaa dhaquusaanii ubsaniiru.
Itti aanaan ministira muummee magaalaa raas Alii gudducha, bakka argama qaroomina Yejjootaa, bakka argama daandiiwwan gurguddoo arfanii, gaarreewwan akka hiddaatti kan irra ciisan, wiirtuu daldalaa Kaaba bahaa itiyoophiyaa kan taate Gannatee durii, Waaaaaaldiyaa har’aa dhaqneerra jedhaniiru.
Qaxalee fi miidhagdoonni kan keessaa dhalatan, seenaa fi dhuudhaan kan keessatti kuufame kennuun ala doqnummaa kan hin qabne Waldiyaa wayita geenyu akkaataa duudhaasaaniitiin kan nu simatan pirezidaantii naannichaa, Kaabineesaaniif, kantiibaa magaalaa Waldiyaa fi jiraattota magaalattiif galatan galcha jedhanii, turtiin Walidaayyi taasifnu hojiilee misoomaa garagaraa ni daawwanna jedhaniiru.