Milkaa’inoota naannichatti damee hundaan argaman ciminaan itti fufuun nibarbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoota naannichatti damee hundaan argaman ciminaan itti fufuun nibarbaachisa
Waxabajjii 2 /2018 (ENA)-Milkaa’inoota misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa dhamaatii olaanaa fi kutannoo hoggansaatiin argaman cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ubsan.
Waajjirri paartii badhaadhinaa naannoo Hararii hoggantoota olaanoo fi jiddu galeessaa naannichaa waliin hojiilee itti aanan irratti waltajjii maree gaggeesseera.
Paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira paartii naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa hojiileen yeroo darbe dhamaatii olaanaa fi kutannoo hoggansaatiin hojjetamaniin bu’aan olaanaan argamuusaa ibsaniiru.
Yeroo itti aanus milkaa’inoota damee misoomaan, bulchiinsa gaariin, nageenyaan, hawaasummaa fi dinagdeen argaman cimsuun itti fufsiisuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Waadaa ummataaf galle hojiin mirkaneessuuf hooggansi kutannoo olaanaan hojjechuu qaba jedhaniiru.
Demokiraasii dhugaa milkaa’inoota misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa waliin wal bira qabuun badhaadhinai Itiyoophiyaa guutuu ta’e hojiin mirkaneessuun milkaa’ina arganne cimsinee itti fufna jechuun dubbataniiru.
Kanaaf ammoo hooggansi miira tajaajilamtummaan guutamee tajaajiluu qaba jedhan.
Keessumaa carraa hojii dargaggootaaf uumuu, qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuun hojiilee xiyyeeffannoon hojjetaman akka ta’e eeraniiru.