Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jaha eegalame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jaha eegalame
Waxabajjii 2/2018 (ENA): Naannoo Harari aanaalee baadiyyaatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa jaha bajata birrii miiliyoona 52.8’n har’a eegalameera.
Ijaarsa manneen barnootaa kan eegalsiisan pireesidaantiin mootummaa naannichaa obbo Ordin Badrii fi hoggantoota seektarichaati.
Akka pireesidaantiin mootummaa naannichaa obbo Ordin Badrii himanitti mootummaan naannichaa barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa xiyyeeffannoo kennuun hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jira jedhani.
Barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa babal’isuu fi cimsuun qulqullina barnootaa fi ga’umsa barattootaa fooyyessuuf bu’uura ta’uu ibsuun, naannichi gama kanaan bal’inaan hojjechaa jira jedhan Pireesidaanti Ordin Badriin.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa yeroo ammaa aanaalee baadiyyaa naannichaa keessatti ijaaramaa jiran yeroo fi saffisa beellamame keessatti ijaaramanii tajaajilaaf akka gahan ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniitiin akka himanitti, kanaan duras aanaalee magaalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa duraa ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana deeggarsa waloo mootummaa naannichaa fi Ministeera Barnootaatiin aanaalee baadiyyaa naannichaa hunda keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa jahaa ijaarsisuuf jalqabameera jedhan.
Ijaarsi manneen barnootaa ji’a lama keessatti xumuramee bara barnootaa haaraatti tajaajilaaf kan qophaa’u ta’uus ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI