Tamsaasa Kallatti:

Horsiisee Bultoonni Sanyii Bishingaa hongee dandamachuun omisha gaarii kennan misoomsaa jiru

Waxabajjii 2/2018 (ENA): Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluqitti, horsiisee bultoonni oomisha Arfaasaatiin sanyiiwwan bishingaa fooyya’an kanneen hongee dandamachuun oomisha gaarii kennan misoomsaa jiraachuu ibsan.

Waajjirri Qonnaa Godinichaa gama isaatiin, wabii nyaataa horsiisee bultootaa mirkaneessuuf lafa hektara kuma 125 ol irratti innisheetiviin qonna gammoojjii gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.

Jiraataa Aanaa Harannaa Bulluq ganda Malkaa arbaa kan ta’an horsiisee bulaa Haajii Awwal Abdii akka jedhanitti; naannoo isaaniitti hanqinni roobaa jiraachuu isaa hordofee hongee uumamu dandamatanii, yeroo gabaabaa keessatti sanyiiwwan Bishingaa gahan misoomsuun wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf tattaafachaa jiraachuu ibsaniiru.

Sanyii bishingaa fooyya’aa mootummaan isaaniif dhiyeesse fayyadamuun, giddu-galeessaan hektara tokko irraa hanga kuntaala 30 oomisha argachuun akka danda’amu ibsaniiru.

Horsiisee bulaa biraan Obbo Alii Sulxaan Ahimad gama isaaniitiin; sanyiin bishingaa kun yeroo gabaabaa keessatti oomisha kan kennu waan ta’eef, jijjiirama qilleensaa dandamachuuf akka isaan gargaaru dubbataniiru.

Sanyiin bishingaa kun nyaataaf tajaajiluu bira darbee, hundeensaa isaa dheedumsa horiitiif waan ooluuf hongee dandamachuuf gargaarsa guddaa gochaafii akka jiru eeraniiru.

Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibraahim Hasan gama isaaniitiin; aanichatti hongee dandamatanii yeroo gabaabaa keessatti oomisha kan kennan sanyii bishingaa horsiisee bultootaaf dhiyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kanaanis, yeroo ammaa aanichatti lafa qonni bishingaa irratti misoomaa jiru keessaa hektarri kuma 3 fi 300 sanyii fooyya’aadhaan misoomaa akka jiru bulchaan kun eeraniiru.

Itti-aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu’aawiyaa Fu’aad akka ibsanitti; godinichatti naannolee gammoojjiitti oomisha arfaasaatiin lafti hektara kuma 125 ol sanyiiwwan adda addaatiin misoomaa jira.

Kanneen keessaa bishingaa, shumburaa, baaqelaa,boloqqee, boqqolloofii oomishini muduraalee fi fuduraalee irratti xiyyeeffatan biroon innisheetivii addaatiin misoomaa akka jiran dubbataniiru.

Misooma qonna gammoojjii kanaanis oomishni kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 9 ol ni argama jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Mootummaan qonna gammoojjii babal’isuufi wabii nyaataa dandeettii ofitiin mirkaneessuuf hojiin jalqabe caalaatti bu’a-qabeessa akka ta’uuf hojiiwwan eegalaman cimaniinii kan itti fufan ta’uu itti gaafatamaan kun hubachiisaniiru.

Godina Baaleetti waliigala oomisha arfaasaatiin lafa hektara kuma 277 ol faca’e keessaa, oomishni kuntaala miiliyoona 8 ol akka abdatamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015