Tamsaasa Kallatti:

Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad

Waxabajji 2 /2018 (ENA): Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad.

Ministirri Muummee RDFI Doktar Abiyyi Ahimad saayitii ijaarsaa manneen teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun ijaaraman agarsiisu daawwataniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, walga’ii Mana Maree Ministirootaan booda saayitii ijaarsaa, ijaarsa manneen teeknooloojii ammayyaafi saffisaan ijaaraman agarsiisu daawwachuu ibsaniiru.

Saayitii kanatti tooftaaleen ijaarsaa ammayyaa sadii qindoominaan hojiirra ooluu eeranii, isaanis 3D Piriintiingii, ijaarsa sibiila Arabaa qophiin duraa fi manneen jireenyaa konteeyinarootaati jedhan.


 

Tokkoon tokkoo ijaarsaa kunneen teeknooloojii sirrii wayita fayyadamnu saffisniifi qulqullinni kan wal siman ta’uu mirkaneessu jechhuun eeranii, manneen jireenyaa qulqullinni isaanii eegame yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii xumuruun akka danda’amus ragaa ta’uu ibsani.

‎Kalaqni guddaan kun kutaa biyyattii kamittuu haala salphaan hojiirra ooluu fi babal’ifamuu kan danda’u waan ta’eef sagantaa misooma manaa biyya keenyaa sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf humna qaba jedhan.

Teeknooloojii mul’ata biyyaalessaa keenya waliin walsimsiisneerra; hojiileen keenya akka kanaa qabatamaan mul’atan ammoo guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirriirra kutannoon imalaa jiraachuu keenya qabatamaan agarsiiseera jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015