Tamsaasa Kallatti:

Manni marichaa wixinee labsii Gumurukaa irra deebiin fooyyessuuf bahe raggaasise

Waxabajji 2/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii Gumurukaa irra deebiin fooyyessuu fi wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo ilaallatan qoratee raggaasiseera.


 

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan walga’ii idilee 24ffaa bara hojii isaa waggaa 5ffaa gaggeesseera.

Haaluma kanaan wixinee labsii Gumuruukaa fooyyessuuf dhiyaate irratti gabaasaa fi murtee koreen dhaabbii karooraa, baajataa fi faayinaansii dhiheesse qoratee sagalee caalmaan raggaasiseera.


 

Kana malees, Manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti gabaasaa fi murtee koreen dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa dhiheesse qoratee sagalee guutuun raggaasiseera.


 

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015