Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyaassaa fi naannoo kennuuf qophaahameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyaassaa fi naannoo kennuuf qophaahameera
Waxabajji 2/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti qormaata biyyaassaa fi naannoo kennuuf qophiin barbaachisu taasifameera jedhani Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo.
Hogganaan biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo hojii damee barnootaa naannichatti hojjetamaa ture akkasumas qormaata biyyaalessaa fi naannoo ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa kanaan barattoonni yeroo qormaataa milkaa’aa akka qabaataniif hojiiwwan qophii adda addaa hojjetamuu beeksisaniiru.
Akka hogganaan kun jedhanitti, bara kana Naannoo Oromiyaatti barattoonni kuma 202 ol qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’aniiru jedhani.
Haaluma walfakkaatuun barattoonni kuma 547 ol qormaata naannoo kutaa 6ffaa kan fudhatan yoo ta’u, qormaata kutaa 8ffaa irrattis barattoonni kuma 430 ol qormaata kana ni fudhatu jedhani.
Sagantaa qormaataa ilaalchisee qormaanni naannoo kutaa 6ffaa Waxabajjii 8 hanga 10, 2018tti kan kennamu yoo ta’u, qormaanni kutaa 8ffaa ammoo Waxabajjii 11 fi 12, 2018 kan kennamu ta’a.
Barattoonni qormaata fudhachuuf haala mijataa uumuuf hojiiwwan ijoo ta’an barattoonni qabiyyee barachuu qaban guutummaatti akka uwwisan gochuu fi barattootaaf barnoota qo’achiisuu kennuu akka ta’e ibsaniiru.
Shaakala kompiitaraa onlaayinii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hojiiwwan gaggeeffaman keessaa tokko ta’uus eeraniiru.
Hogganaan kun qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa irra caalaa toora interneetii (online)irratti kan kennamu ta’uu hubachiisuun, milkaa’ina kanaaf galteewwanii fi bu’uuraaleen barbaachisoo ta’an akka dhiyaataniif hojiiwwan adda addaa xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru.
Barattoota deeggarsa addaa barbaadaniif haala qormaataa mijataa uumuuf Biirichi xiyyeeffannoo addaa kennaa akka jirus hubachiisaniiru.