Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse - ENA Afaan Oromoo
Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse
Waxabajjii 2/2018(ENA)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera.
Murteewwan wal gahii idilee 56ffaa mana maree ministirootaa –
1. Manni marichaa jalqaban hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera. Riifoormiin dinagdee gooroo guutummaan hojiira erga oolee dinagdeen Itiyoophiyaa gufuuwwan keessa jiru keessaa bahaa jiraachuu fi bu’uraaleen dinagdees cimaa dhufaniiru. Hammattoon kun bu’aalee jajjabeessoo riifoormii dinagdee Kanaan argaman caalaa cimsuu akka dandeessisuu fi dinagdee gooroo ijoo ta’anii fi Fiisikaala irratti hundaa’uun qophii bajataa mootummaa federaalaa bara bajataa 2019’f ka’umsa ta’ee akka tajaajilu qophaa’ee dhihaateera. Manni maree hammattoo kanarratti bal’inaan egra mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
2. Xumurarrattis manni marichaa wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 irratti mari’ateera. Bajanni mootummaa feeraalaa bara 2019 qaama karoora misoomaa wagga kudhanii kan ta’e galmoota karoora misoomaa fi invastimantii 2019-2021 irratti kaa’amanii fi hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddu galeessaa (2019-2023) bu’uureffachuun raawwii bajata sagantaa bara bajataa 2018 ka’imsa gochuun, kallattiiwwanii fi akeekama tiraanisfoormeeshinii hawaasummaa fi dinagdee akkasumas galmoota mootummaadhaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi sektaroonni raawwachiiftota ta’an ergamaa fi itti gaafatama kennameefiin yoo madaalamu baasii isaan barbaachisu qorachuudhaan qophaa’ee dhihaateera.
Bu’uuruma kanaan, Baajanni baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannolee fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma fulla’aatiif oolu, Biirriin 2,339,268,126,738 (Triiliyoona lamaa fi biiliyoona dhibba sadii fi soddomii sagalii fi miliyoona dhibba lamaa fi jaatamii saddeetii, kumni dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi dhibba torbaa fi soddomii saddeet) mana marichaatiif dhiyaateera.
Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada galteewwan itti dabaluun gara Mana Marii bakka bu’oota uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.