Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Ijaarsi Daandii Baadiyaa Haaraa Misooma koriidarii baadiyaa waliin wal-qabatan gaggeeffamaa jira

Waxabajjii 2/2018 (ENA): Naannoo Harariitti ijaarsi daandilee baadiyaa haaraa misooma koriidarii baadiyaa waliin wal-qabatanii bal'inaan gaggeeffamaa akka jiru Biroon Geejjibaa fi Misooma Daandii naannichaa beeksiseera.

Sochiin misooma koriidarii magaalota biyyattii keessatti jalqabamee fi milkaa'inni isaa ragaa ba'ameef, yeroo ammaa kana gara naannawaa baadiyaatti babal'achaa jira.

Naannoon Harariis mul’ata biyyaalessaa kana haala qabatamaa naannichaa waliin wal simsiisuun walitti hidhaminsa magaalaa fi baadiyaa cimsuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru ni beekama.

Itti-aanaan Hogganaa Biroo Geejjibaa fi Misooma Daandii Naannichaa Injiinar Fatiih Tawufiiq akka jedhanitti, naannichaa keessatti waggoottan dabran keessa dhaqqabummaa daandii baadiyaa guddisuuf hojiileen bal'aan hojjetamaniiru.

Hojiileen ijaarsa daandii baadiyaa kunis qonnaan bultoonni bonaa fi ganna oomisha isaanii gara gabaatti akka dhiyeessan gochuu fi tajaajila biroo kennuudhaan fayyadamummaa isaanii dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii kanaanis, bara kana sagantaalee adda addaatiin dhaqqabummaa daandii baadiyaa guddisuun walitti hidhaminsa Magaalaa fi baadiyaa cimsuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Kanaanis, Aanaalee naannichaa sadii keessatti baajata idilee fi sagantaa walitti hidhaminsa daandii baadiyaan Sagantaa wabii nyaataatiin ijaarsi daandilee baadiyaa haaraa KM. 77 gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.


Kanaanis pirojeektii kaapitaalaatiin ijaarsi daandilee baadiyaa haaraa kiiloomeetra 54 ta’u gaggeeffamaa akka jiru ibsanii, ijaarsi KM. 23 hafe immoo karaa sagantaa walitti hidhaminsa daandii baadiyaa wabii nyaataatiin hojjetamaa akka jiru addeessaniiru.

Naannichatti misooma koriidarii baadiyaa waliin wal-qabsiisuun ijaarsi daandilee cirrachaa baadiyaa haaraa gaggeeffamaa jiru guutummaatti xumuramee tajaajilaaf akka oolu xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Ijaarsi daandilee cirrachaa haaraa kun rakkoolee hawaasa biratti ka'aa turan furuu kan dandeessisan ta'uun alatti, misooma koriidarii baadiyaa waliin kan wal-qabatan ta'uu isaas eeraniiru.

Ijaarsi daandilee kanaa gandoota walii isaanii fi magaalaa waliin kan wal-qunnamsiisu ta'uu eeranii, kanaanis rakkoo damee geejjibaa keessatti mul'atu hundee irraa kan furu ta'uu hubachiisaniiru.

Magaalicha keessattis ijaarsi daandii asfaaltii fi keessoo haaraa, suphaa, sadarkaa fooyyessuu fi hojiileen biroo gaggeeffamaa jiraachuu isaanii dabalanii ibsaniiru.

Naannoo Harariitti marsaa lammaffaatiin pirojeektii ganda qonnaan bultootaa moodeelaa kanaan manneen 250 ijaaramaa akka jiran ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015