Tamsaasa Kallatti:

Godina Iluu Abbaa Booritti qonnaan bultoonni Muuzii misoomsaa jiran faayidaan dinagdeerraa argatan guddachaa jira

Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booritti qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni Muuzii misoomsaa jiran faayidaan dinagdeerraa argatan guddachaa jira

Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni godina Iluu Abbaa Boor Muuzii misoomsaa jiran galiin irraa argatan dabalaa waan dhufeef dinagdeensaanii guddachaa dhifuu ibsan.

Aanaa dooranii ganda Ennaa kan jiraatan qonnaan bulaan Geetaachoo Warqinaa, wagga afur dura lafa xiqqoorratti muuzii misoomsuu akka eegalan ni dubbatu.

Yeroo ammaa biqiltuu Muuzii baay’isaa akka jiran kan dubbatan qonnaan bulaan kun misooma kana heektaara walakkaatti guddisuun galii argataniin jireenyasaanii fooyyeffachaa akka jiran ibsaniiru.

Tooftaa ammayyaa Muuziin itti oomishamu fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuu waan danda’aniif galiinsaanii guddachaa jiraachuu eeranii, bara darbe gurgurtaa biqiltuu muuzii fi Muuziirraa birria kuma 600 akka argatanii fi bara kanas galii caalaa akka abdatan dubbataniiru.

Misooma kana cimsuun gara invastimantiitti cehuuf akka karoorfatan dubbataniiru.

Dargaggoonni aanichaa hedduun muuxannoo qonnaan bulaa Geetaachoo fudhachuun misooma Muduraa hojjechuuf kaka’aniiru.

Jiraataan ganda kanaa kan biraan dargaggoo Wandimmuu Laggasaa fi dargaggoo Addisuu Yaasin dargaggoota biro waliin gurmaa’uun lafa heektaara tokkorratti biqiltuu Muuzii dhaabuu eegaluusaanii ibsaniiru.

Haala wal fakkaatuun dargaggoo Addisuu Immiruu fi dargaggoo Mirreessaa Darajjee gamasaaniin, misooma Muuziirratti cimanii hojjechuun fayyadamuuf kaka’umsa argachuusaanii eeranii, keesumaa misooma Muuzii hojiilee qonnaa kan biraan wal bira hojjechuuf karoorsuusaanii dubbataniiru.

Hogganaan waajjira qonnaa fi bulchiinsa misooma lafaa aanaa Dooranii adde Lalisee Amanaa akka ibsanitti, inisheetiivota qonnaa aanichatti xiyyeeffannoon olaanaan kennameef keessaa misoomni muduraa isa tokkodha.

Yeroo ammaa misoomni Muduraa ganda keessatti kilaastaraan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, lafti heektaara kuma 1 fi 600 ol dargaggoota waldaan gurmaa’anii fi qonnaan bultootaan misoomaa jira jedhaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Daanyee Fiqree gamasaaniin, ganna kana godinichatti lafti heektaara kuma 29 fi 100 caalu biqiltuu Muduraa garagaraatiin kan misoomu yoo ta’u, kana keessaa heektaarri kuma 4 fi 300 Muuziidhaan akka misoomu beeksisaniiru.

Yeroo ammaa godinichatti Muuzii dabalatee Avokaadoo, Anaanaasii, Paappaayaa fi akaakuun Muduraa biroon bal’inaan misoomaa akka jiran itti aanaan itti gaafatamaa kun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015