Tamsaasa Kallatti:

Adeemsa filannoo walii galaa buufataalee filannoo addaa

Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Buufataalee addaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampii loltuu keessatti argamanitti haala addaatiin filannoon walii galaa torbaffaa gaggeeffamaa jira.

Boordiin filannoo Wixata Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaa raawwachiisuunsaa ni yaadatama.

Dabalataanis  boordichi akkaataa aangoo labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. 1162/2011 keewwata 17’n kennameefiin buqqaatota biyya keessaa fi kaammpii loltuutti keessatti buufataalee addaa hundeessuun jiraattonni kaampii keessa jiraatan filannoo walii galaa torbaffaarratti akka hirmaatan filannoof galmeessuunsaa ni beekama.

Haala Kanaan lammiileen kaampii keessa jiraatan kan filachuuf galmaa’an filachaa akka jiran boordichi odeeffannoo dabarseen mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015