Kaampii keessatti filannoof kan galmaa’an filachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Kaampii keessatti filannoof kan galmaa’an filachaa jiru
Waxabajjii 2/2018 (ENA)-Boordiin filannoo Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaa gaggeessuunsaa ni beekama.
Boordichi akkaataa aangoo labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. 1162/2011 keewwata 17’n kennameefiin haala addaatiin filannoo walii galaa idileerratti hin hirmaanneef guyyaa filannoo nimijeessa.
Haala Kanaan buqqaatota biyya keessaa fi kaampii loltuu keessatti buufata addaa hundeesseera.
Kun ammoo akkaataa jiraattonni kaampii filannoo walii galaa torbaffaarratti akka hirmaatan galmeesseen kan gaggeeffamudha.
Kanaaf lammiileen kaampii keessa jiraatan kan fulachuuf galmaa’an har’a Waxabajjii 2 bara 2018 filachaa jiru.