Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Kenniinsa tajaajila mootummaa sirreessuuf fooyya'iinsa hojii fi ijaarsa dhaabbilee xiyyeeffannoon kennamee jira.

Caamsaa 16/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Kenniinsa tajaajila mootummaa sirreessuuf fooyya'iinsa hojii fi ijaarsa dhaabbilee xiyyeeffannoon kennamee jira jedhan Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa.

Naannicha Godina Shawaa Bahaatti gamoo bulchiinsaa teeknooloojiin guutame eebbifamee amma tajaajilaaf banaa ta’eera.


 

Akka obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsanitti, mootummaan naannichaa kenniinsa tajaajilaa sirreessuuf fooyya’iinsa hojii fi ijaarsa dhaabbilee irratti ciminaan hojjechaa jira jedhani.

Mootummaan naannichaa fedhii misoomaa ummataa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf jaarmiyaa gandaa walitti dhiyeenyaan hundeessuun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Kunis ummanni tajaajila walitti dhiyeenyaan akka argatuu fi guddina hawaasummaa fi dinagdee isaa akka saffisiisu kan taasise yoo ta’u, komii bulchiinsa gaarii irratti ka’us furuuf gargaareera.

Waggoota shanan darban keessatti pirojektoota bu’uuraalee hawaasummaa fi diinagdee kuma 90 ol ijaaraman keessaa dhibbeentaan 70 hirmaannaa ummataatiin ijaaramanii fedhii misoomaa ummataa guutuuf kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.


 

Bulchaan Olaanaan Godina Shawaa Bahaa obbo Abbaabbuu Waaqoo akka jedhanitti, Godinichi hojii waajjiraalee seektaraa gara wiirtuu tokkotti fiduu fi teeknooloojiin gurmeessuun kenniinsa tajaajila mootummaa sirreessuuf hojjetamaa ture hojiirra oolchaa turuusaa ibsaniiru.

Gamoon bulchiinsa godinaa haaraan qaama kanaa ta’e kun maamiltootaaf mijataa ta’uu qofa osoo hin taane, kiraa manaa bulchiinsi kun duraan baasu hir’isuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Kunis waajjiraalee 17 walitti kan fidu yoo ta’u, teeknooloojiin aanaa waliin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluudhaanis gamoon kun manneen kitaabaa, kutaalee walgahii, giddugala kunuunsa guyyaa daa’immanii , bakka konkolaataa dhaabuu fi kanneen biroo kan of keessaa qabuu fi teeknooloojii dijitaalaatiin kan gurmaa’e ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila dijitaalaa mijeessuuf bakki hojii mijataa ta’e ijaaramuu isaa ibsaniiru.

Sagantaa eebbaa kana irratti hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo, abbootiin Gadaa fi haadholeen sinqe, akkasumas kutaaleen hawaasaa adda addaa aanaalee Godinichaa hunda irraa babbahan argamaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015