Tamsaasa Kallatti:

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee ciccimoo ijaaruu fi humna poolisii gahumsa qabu horachuu itti fufee jira - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el

Caamsaa 16/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee ciccimoo ijaaruu fi humna poolisii gahumsa qabu horachuu itti fufee jira jedhan Komishinarri Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Giddugala Poolisii ammayyaa humna poolisii dafee qaqqabaa Bahaa Dirree Dhawaatti ijaare eebbisee tajaajila eegalchiise.


 

Giddugalicha ifatti kan eebbisan Komishinarri Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el akka jedhanitti, haaromsa biyyaalessaa hordofuun Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ergama biyyaalessaa isaa gahumsa guddaadhaan, gargaarsa jaarmiyaa ammayyaa fi cimaa ta’een bahachuuf keessa jira.

Giddugalli humna dafee qaqqabaa ammayyaa Dirree Dhawaatti ijaarame agarsiiftuu tattaaffii kanaa ta’uu ibsuun, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa bu’a qabeessa ta’een dhaabbata cimaa ijaaruu fi humna poolisii gahumsa qabu uumuu itti fufuusaa ibsaniiru.

Humna qorannoo yakkaa giddugalichatti gurmeessuun yakka sadarkaa ol’aanaa fi fooyya’aa ta’een ittisuuf haala mijataa ni uuma jedhaniiru.

Dabalataanis Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ijaarsa dhaabbilee ammayyaa fi misooma humna namaa cimsuu itti fufuu mirkaneessaniiru.


 

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar akka himanitti, Giddugalli Poolisii humna dafee qaqqabaa ammayyaa Dirree Dhawaatti ijaarame naannolee ollaa Bahaa keessatti nageenya mirkaneessuuf carraa guddaa qaba jedhani.

Hojii daldala al-ergii fi galtee haala nageenya qabuun gaggeessuufi naannichatti nageenya buusuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafuu, hojii giddugalichatti hojjetamaa jiruuf bulchiinsi deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.


 

Sagantaa kana irratti dhaabbilee ijaarsa giddugalichaaf gumaacha olaanaa taasisaniif badhaasni fi beekamtiin kennameera.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015