Puulsi of Afriikaa (POA) fi Miidhagduu Addunyaa ‘Miss World Africa’ Haaseet Darajjee eenyummaa ardii waliin kan wal qabatu hojii miidiyaa cimsuuf waliigaltee mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Puulsi of Afriikaa (POA) fi Miidhagduu Addunyaa ‘Miss World Africa’ Haaseet Darajjee eenyummaa ardii waliin kan wal qabatu hojii miidiyaa cimsuuf waliigaltee mallatteessan
Caamsaa 16/2018 (ENA): Pulsi of Afriikaa (POA) fi ‘Miss World Africa’ Haaseet Darajjee waliigaltee tarsiimoo waltajjii addunyaa irratti Afriikaan ittiin beekamtu jijjiiruu fi hojii miidiyaa eenyummaa ardiitiin cimsuuf kaayyeffate mallatteessan.
Waliigaltichis mul’ata seeneffama Afrikaa dhugaa bareedina, dandeettii, kalaqa, dandamachuu fi abdii egeree Afriikaa calaqqisu waliin ijaaruu of keessaa qaba jedhameera.
Sirna waliif mallatteessuu kanarratti haasaa kan taasisan ‘Miss World Africa’ Haaseet Darajjee akka himanitti boqonnaan Afrikaa itti aanu muuxannoo, milkaa’inaafi sagalee ijoollee ofiitiin barreeffamuu qaba jedhan.
Walta’iinsi kun dargaggoonni Afriikaa eenyummaa isaanii fi hawwii waloo isaanii waliin deebi’anii wal qunnamsiisuun suuraa Afrikaa waltajjii addunyaa irratti ol kaasuuf carraa bal’aa ni uuma.
Itti aanaan hoji gaggeessaan Pulsi of Afriikaa Fitsum’isheet Shimallis gama isaaniitiin seeneffama Afrikaa jallate jijjiiruun yeroo dheeraa akka barbaadu dubbataniiru.
Seenaan dhugaa, eenyummaa fi dandeettiin adda addaa ardii kanaa haala gahaa ta’een addunyaaf hin dhiyaanne jedhan.
Kanaaf, walta’iinsi haaraan hundeeffame kun seenaa Afrikaa haala qabatamaa fi dandeettii ijaarsa qabuun dhiyeessuuf imala taasifamu ni saffisiisa jedhaniiru.
Dabalataanis waltajjii idil-addunyaa irratti bakka bu’ummaa Afrikaa cimsuuf tattaaffii ardii bal’aa ta’e waliin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru.
Waliigalteen kun akkaataa haaraa seeneffama ardii kanaa irra deebiin bocuuf kan dandeessisu ta’uunis hubatameera.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA